Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Guyyaan Gootoota Oromoo Magaalaa Denver keessatti haala oowwaan kabajame.


Miseensonni ABO  konyaa denver fi  hawaasni Oromoo  Ccolaradoo guyyaa seena qabessa gotoota Oromoo  sirna oowwan Ebla 18, 2009  Magaalaa Denver keessatti kabajannee  jirra . Walgahiin kun akka aadaa oromoon kan eebba manguddoon baname yoo tahu, tuutni dargagoo fi shamarran Oromoo faaruu Alaabaa itti aansuun jalqabuma irraa sirna owwisani jiru.

Cayaan dubartootaa Oromoo  Denver  qaaman argamuu qofaa  osoo  hin tahiin uffata  aadaa fi nyaata aadaa qopheessun  sirna kana  midhaysani jiru. Walgahii boodaas Bandiin dargaggoo fi shamarran Oromoo Denver hirmaatoota galama guute bohaarsani jiru.

DT Konyaa ABO Denver J.  Mohamed Adam hirmaatootaa fi kanneen qophii bareedaa akkanaa qopheessan galateemfachuun jiddu jiddutti walaloo fi haasawni adda addaas godhamee jira.

Qophii  kana irratti J. Odaa Xasee MGS fi gaafatamaa birkii  jaarmayaa fi Siyaasaa Biyyaa Alaa  argamuun seena guyyaa  gootata fi haalaa qabatama yaroo amma qabsoon Oromoo irratti  argamtuu irratti ibsaa bal’aa nuuf kennanii jira. Walgahuma kana irratii J. Billoo Garbii itti gaafatamaan Beeysisi Kutaa USA haasaa godhanii jiru.

Nutiis guyyaa seenaa qabessaa kana sababaa gudhachuun  eessa irraa kaanee eessa akka   jirru of duubaa deebi’uun xiinxallee  hujiin konyaan kun hojjattee boonsaa tahullee bilisummaa Oromoof ammallee karaan dheeran fuula dura hafuu isaa waan beeynuuf dhaabaa keenyaa ABO fi  WBO waan barbaachisuu hundaan  biraa yoomiyyuu daran bira dhaabaachuu fi dirqamaa dhaabni keenya yaroo yaroon dabarsuu hundaa alaan ala fi gunggummii  tokko malee fudhannee hujii irraa oolchuuf murteeffachuun, Irbuu  keenyaas irraa deebinee harayoomfachuun  murtii ejjannoo armaan  gadii kana dabarfannee jiraa.

  1. Ajjeechaa, saamiinsa, haccuuccaa fi gochaa shanyii duguuggii mootummaan  TPLF/EPRDF  ummataa keenya irratti raawwachaa jiru dura dhaabbanna .
  2.  Dhaaboonni mirga dhala namaaf falmanii fi mootummoonni adunyaa mootummaa shorarkeessuu kana  akka murtii seeraaf dhiheessaan iyyannaa keenya dabrfanna. gaaffannu.
  3. Oloola dharaa keessa fi alaan ayyan laallatoonni dhaabaa keenyaa ABO fi  hoggana keenyaa irratti oofan hundaa dura dhaabbanna. Oloola dharaa kanaas  ciminaan dura dhaabbachuuf murteeffanne.
  4.  Dirqama Oromummaa fi gaafatama seena gootowwaan Oromoo dhiigaan taraaranii aarsaa itti tahan hordofnee dhaaba keenyaa ABO biraa karaa dandeenye hundaan ni dhaabbanna.
  5. Miseensota ABO turtani sababa adda adda addaan  qabsoo ala bahatan, kanneen  yakka dhaaba keessan irratti hin dalagin akka deebitani xurree gootoowwan keenya dhigaan taraaran kana irratti deebitani, qabsoo teenya waliin bakkaan geenyu waamicha isiniif goona.
  6. Afanfaajjii murni  sirnaa dhaablee mooraa qaabsoo keessatti uumaniin jaanjoytani  mogatti baataniis akka qabsoo dhiigaan as geessa kana of duua deebitani xiinxaluun karaa sirrii irratti deebi’uun qabsoo Oromoo ABO dhaan hogganamu bira akka dhaabbatan waamicha isiniif goona. .
  7. Ilmaan Oromoo mooraa diina keessa jiraachuun gochaa gara jabinaan mootummaa  gooleesituu Wayyaanee cal’iftanii ilaalaa jirtanii fi kanneen gochaa fashiistummaa ummata keenya irratti  raawwachaa jirtan gochaa farra ummata keessanii kanarraa dhaabbatanii mooraa qabsoo Oromoo ti akkaa deebitan waamich isiniif dabarsina. Osoo gaafatamnii seena isiin irratti hin jiiynees, dirqama Meles Zenawi irraa fudhattan dhaabdani  kallaachaa Qabsoo Oromoo  ABO irraa dirqama keessan fudhattani qawwee keessaan akka gara diinaa gara galchitan dhaammanna.

Jallawwan  bilisummaa sabaaf lubbuu isaanii kitiman bara baraan ni yaadanna, dhaamsaa isiinis murannoon bakkaan ni geenya.


Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan  Gadaa Bilisummati !!

Konyaa ABO Denver fi Hawasa oromoo Denver



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net